Roobni waqtii isaa hin eegne oomishaalee akka hin mancaafne qonnaan bultoonni of eeggannoo taasisuu akka qaban Ministeerri Qonnaa hubachiise.

70

Sadaasa 3/2015(TOI) - Roobni waqtii isaa hin eegne oomishaalee akka hin mancaafne qonnaan bultoonni of eeggannoo taasisuu akka qaban Ministeerri Qonnaa hubachiise.

Bara oomishaa 2014/15tti callaa kuntaala miiliyoona 400 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiiseera.

Bara oomishaa kana lafa heektaara miiliyoona 13.4 misoomeerraa callaaa kuntaallii miiliyoonni dhibbi 4 ol kan eegamu ta'uu Ministirri Deetaan Ministeera Qonnaa obbo Mallas Makonniin ibsaniiru.

Yeroo ammaa naannawaa gammoojjitti oomishni walitti qabamaa kan jiru yoo ta'uu, naannawaa Baddaattis oomishaaleen ga'uu eeraniiru.

Mancaatii oomishaalee hir'isuuf Ministeerri Qonnaa Kombaayinaroota 1500 ol bobbaasuun oomisha walitti qabaa jiraachuu himaniiru.

Akka Inistityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksiseetti guyyoota itti aanaan kutaalee biyyattiitti Roobni waqtii isaa hin eegne roobuu akka danda'u himeera.

Roobni kun oomishaaleerra mancaatii akka hin qaqqabsiifne qonnaan bultoonni of eeggannoo taasiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hoggansii fi ogeeyyiin sadarkaan jiranis xiyyeeffannoo addaan hojjechuu akka qaban himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015