Aanaa naannawaaa Dillaatti oomisha Bunaa heekatara tokkorraa argamu dachaa sadiin guddisuun da'ameera jedhame

117

Onkoloolessa 2/2015(TOI) - Godina Geedi'oo aanaa naannawaaa Dillaatti qonnaan bultoonni gurmaa'uun kilaasteeraan Bunaa misoomsaan oomisha Bunaa kanaan dura heekatara tokkorraa kumtaalli shan argamu dachaa sadiin guddisuu akka danda'aan himan.

Aanichaatti bakkee Golaafi diimaa jedhamutti bunni kilaasteraan oomishame daawwatameera.

Daawwana kanarratti kan argama Ittigafataman qajeelcha Qonnaa godina Geedi'oo doktar Zinaabuu Waldee akka himanitti, bara darbe muka bunaa dulloome miliyoona tokko ta'uu buqqisuun biqiltuu sanyii buna fooyyee qabu haaraa dhaabamuu himaniiru.

Akkasumas buna fi midhaan biroo walkeessa oomishuun oomishitummaa guddisuuf hojii hojjetameen lafti heektara 300 kilaasteraan misoomuu himaniiru.

Kunis haala oomisha bunaa kanaan dura turen yoo madaalamu oomisha bunaa hrka 70 kan guddisu ta'uu himaniiru.

Qonnaan bultoonni akka himanitti Aanichatti qonnaan muuxannoo buna oomishuu kan waggaa hedduuf ture qabaatanis oomishitummaan buna isaanii haga dhaamaatii isaanii akka hin turre himaniiru.

Yeroo ammaa mala kilaasteraan qindaa'anii hojjechuu isaaniin kanaan duara lafa heektaara tokko irraa buna kumtaala shan kan hin caalle argachaa kan turan amma haga kumataala 17 argachaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015