MM Doktar Abiy Ahimad agarsiisaa Albuudaafi tekinolojii idil adunyaa kaleessa baname daawwatan.

102

Onkoloolessa 2/2015(TOI) -Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad agarsiisaa Albuudaafi tekinilojii idil addunyaa kaleessaa galma barkumeetti baname daawwatan.

Agarsiifni Albuudaafi tekinolojii kun kaleessa bakka Pireezidaantiin FDRI Saahilewariq Zaduufi hoggantoonnii biroon argamanitti Finfinnee galma Barakumeetti banamuun isaa ni yaadatama.

Agarsiisni kun yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti kan geggeeffame yoo ta'u kubbaaniyaawaan 270 ta'an irratti hirmaachaa jiru.

Agarsiisni kun qabeenya albuuda Itoophiyaa beeksisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'uun himameera.

Agarsiisni kun haga Sanbata duraatti kan turu ta'uu sagantaa baherraa hubachuun danda'ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015