Gamtaan Awurooppaa sababa waraanaan dhaabbilee fayyaafi barnootaa miidhaman deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa Yuuroo miliyoona 38 taasise.

70

Sadaasa 1/2015(TOI) - Gamtaan Awurooppaa sababa waraanaan dhaabbilee fayyaafi barnootaa miidhaman deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa Yuuroo miliyoona 38 taasise.

Deeggarsi kunis damee fayyaan qindoomina Ministeera Fayyaafi Yuuniseefiin akkasuma damee barnootaan karaa dhaabbata Pilaan Intarnaashinaal jedhamuu akka taasifamu himameera.

Deeggarsa damee fayyaaf karaa mootummaafi Yuuniseefiin waggoota sadiif hojiirra kan oolu yoo ta'u deeggarsi taasifames yuuroo miliyoona 31.5dha jedhameera.

Waliigaltichas deetaa ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaafi Jilla Gamtaa Awurooppaatti immoo bakka bu'aa olaanaa waajjira Itoophiyaa ambaasaaddar Roolaandi Kabiyaan mallatteessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015