Agarsiifni Albuudaafi Teknooloojii jalqabaa baname

79

Sadaasa 1/2015(TO) - Agarsiifni Albuudaafi Teknooloojii jalqabaa har’a bakka Pirezdaanti Saahilawarq Zawdeen argamanitti Galma Barkumeetti banameera.

Agarsiifni kun qophaa’uunsaa qabeenya albuudaa Itoophiyaan qabdu addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ta’uu Pirezdaanti Saahilawarq dubbataniiru.

Damichi hojmaata seeraan alaaf saaxilamaa ta’uu isaan xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Albuudni umama isaan dhumataa waan ta’eef sirnaan kunuunsuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015