Biyyoonni guddatan waadaa jijjirama qileensaa ittisuuf galaan doolaara biliyoona 100 akka kanfalan Chaayinaan gaafatte.

189

Onkoloolessa 30/2015(TOI) - Biyyoonni guddatan waadaa jijjirama qileensaa ittisuuf galaan doolaara biliyoona 100 akka kanfalan Chaayinaan waamicha taasiste.

Yaa'iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jijjiirama qillensaa ilaachisuun Ijipit Shaarm Al shekiitti geggeffama jiru irratti haasaa kan taasisaan Chaayinaatti bakka bu'aan jijjiirama haala qillensa baramaa Zii Zingoo akka beeksisanitti biyyoonni dhiibbaa jijjirama haala qillensa barama ittisuuf waadaa galan akka guutaan gaafataniiru.

Addunyaa yeroo ammaa dhiibbaa jijjirama haala qileensa baramaan rakkoo hedduu keessatti kufteetti kan jedhan bakka bu'ichi, keessaayyuu dhiheesii midhaan nyaataafi humna ibsaa nu mudachaa jiru furuuf tokkummaanfi walgargaaruun ala malli hin jiru jedhaniiru.

Rakkoo kana furuuf hundi keenya gahee adda adda qabna jedhaniiru. Biyyoonni guddatan waliigaltee paaris guutummaan guutuutti hojiirra akka oolchaan gaafataniiru.

Pirojeektoota dhiibbaa jijjirama haala qilleensaa hojiirra oolchuuf gahee olaanaa kan qabu maallaqaa waadaa galamee doolaaraa biliyoona 100 yeroo gabaabatti akka kanfalamu gaafataniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015