Godina Shawaa Lixaatti misooma jallisii bonaan lafa heekataara kuma 10 irraa Qullubbiifi Timaatimiin dhaabateera.

65

Onkoloolessa 30/2015(TOI) - Godina Shawaa Lixaatti misooma jallisii bonaan lafa heekataara kuma 10 irraa Qullubbiifi Timaatimiin dhaabamuu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Waajjira Qonnaa Godinichatti ogeessii misooma Jallisii obbo Gazaany Dhinsaa TOItti akka himanitti, godinichatti marsaa lamaan lafti heektaraa kuma 56 misoomaa jallisiin oomishaaleen adda addaa ni oomishama.

Haga ammaatti lafa heekataara kuma 31 marsaa jalqabaan misoomsuuf karoorfame keessaa lafti heektarri kuma 10 qotamee qullubbiin diimaafi timaatimiin dhaabamaniiru.

Godinichatti misooma jallisiin oomishaleen Fuduraafi kuduraa akkasumas boqqolloon kan oomishaman ta'uu himanii hojii kana milkeessuuf paampiwaan bishaan harkisaan 150 qonnaan bulaaf qoodamuu himaniiru.

Oomishitummaa guddisuuf kan oolu xaa'oo biyyootaa kumtaala kuma 30 kan rabsamuu yoo ta'u, xaa'oon uumama qonnaan bulaan qophaa'ee meetirkubiin 200 hojiirra kan oolu ta'uu himaniiru.

Akkasuma sanyiin filataa dinnichaafi Boqqoolloo kumataala 320 akkasuma kuduraafi muduraa kumataala kuma 250 kan dhihaatu ta'uus himaniiru.

Akka obbo Gazaany himanitti hojii misooma jallisii kanarratti qonnaan bultoonni kuma 62 irratti ni hirmaatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015