Godinichatti Kombaayinara fayyadamuun oomisha ruuzii walitti qabuun jalqabame.

122

Onkoloolessa 29/2015(TOI) - Godina Jimmaatti osoooomishinni gahee hin qisaasa'iin konkolaataa midhaan haamuufi calleesuu Kombaayinara fayyadamuun Ruuzii gahe walitti qabuun jalqabame.

Misooma Ruuzii bara kanaan callaan kumtaalli miliyoonaa 1 ni aegama jedhamee eegama.

Godinacha Ruuziin aanaalee 12tti lafa heektara kuma 27 irratti kan misoomee kombaayinara fayyadamuun walitti qabuun jalqabamuun himameera.

Godinicha aanaa Shaabeetti Ruuziin lafa heektaara kuma 38fi 500 irratti misoome qonnaan bultootaaf carraa hojii kan uume ta'uu himaniiru.

Bulxhaan godina Jimma obbo Tujaanii Naasir akka himanitti Ruuziin aanalee 12 keessati misoomee jiru wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Oomishi Ruuzii godinichatti bara 2013 kan jalqabame yoo ta'uu mala qonnaa ammayyaafi makaanazeeshiniin fayyadamuun oomishamaa jiraachuu himaniiru.

Hojii oomisha Ruuzii kanarratti qonnaan bultootaa malees dureeyyiin akka hirmaatanii oomishaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015