Dr. Kabajaa Artisti Alii Birraaf Sirni Geggeessaa Gootaa isaaf malu Sadarkaa Biyyaalessaatti taasifameera.

104

Onkoloolessa 29/2015(TOI) - Dr. kabajaa artisti Alii Birraa artistii angafaafi gameessaa Oromoon qabdu keessa hojiisaatiin yoomiyyuu hin dagatamu.

Artistiin kun waggoota 50 oliif hojii artii keessa kan tureefi sirboota adda addaa 267fi albamoota 13 nama qabuudha.Lubbuun du'a hin ooltu akkuma jedhan artistiin beekamaan kun bara 1940 dhalatee waggaa 75ffaa isaatti Onkoloolessa 27, bara 2015 du'aan addunyaa kana irraa boqoteera.

Guyyaa har'aa kanas reeffa artistii kabajamaafi jaallatamaa kanaaf sirni geggeessaa gootaa magaalaa Finfinnee Paarkii Michoomaatti raawwateera.

Sirna geggeessaa kana irratti hoggantoonni olaanoo Federaalaafi Naannoo, Abbootii Gadaafi Amantaa, firoottaniifi dinqisiifattoonni isaa argamaniiru.

Namoonni sirna geggeessaa isaa irratti argamanis, artistiin kabajamaan kun boqotus, seenaan isaa bara baraan waan jiraatuuf, duudhaa isa irraa baranne cimsinee itti fufsiisuu qabna jedhan.

Sirni awwaalcha isaas bakka dhaloota isaa magaalaa Dirre Dhawaatti kan raawwatamuu ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015