Afrikaan qixa qabeenya uumamaa qabuun akka guddatuuf Afrikaanoonni walitti dhufeenya isaanii cimsuu qabu - Pireezidaanit Saahilawariq Zawudee

59

Onkoloolessa 29/2015(TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saahilawariq Zawudee Afrikaan qixa qabeenya uumamaa qabuun akka guddatuuf Afrikaanoonni walitti dhufeenya isaanii cimsuu qabu jedhan.

Pireezidaanit Saahilewariq Zawudee sirna banisa yaa'ii Injineerigii Afrikaa 6ffaa Finfinneetti geggeeffama jirurratti akka himanittu fedhiifi dhiheessuu bu'uuraalee misoomaa guddachaa jira.

Afrikaa misoomsuufi badhaasuu kan danda'uu qabeenya uumamaa gabbataa qabaattus, qindoominaan hojjechuu dadhabuun qormaata guddaa ta'eera.

Ardiin kun qabeenya umamaa gabbataa qabdu fayyadamuuf walittii dhufeenyi Afrikanootaa kan ammaa caalaa cimuu qaba jedhaniiru.

Yaa'iin Injineeroota Afrikaa Afrikaa bu'uuraalee misoomaan walitti hidhuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uu himanii, mariin akka kanaa cimee akka itti fufuu qabuus dhaamaniiru.

Itoophiyaan pirojeektii paarkii Shaggariifi tokkummaa ijaaruun injineeronni Afrikaa Afrikaa jijjiruu akka danda'an agarsiisteetti jedhaniiru.

Yaa'iin kun injinaaroota jiduutti gorgommii naga qabeessa uumuun bmisoomni bu'uuralee misoomaa Afrikaa akka ariifatuu ni gargaara kan jedhan immoo hoji geggeessaa olaanaa Korporeshinii hojii KonsitiraakshiniiI toophiyaa injinaar Yonaas Ayyaaloodha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015