Artisti Alii Birraa mallatoo jaalala biyyaati - Obbo Aganyoo Tashaagar

82

Onkoloolessa 29/2015(TOI) - Doktarri kabajaa artisti Alii Birraa mallatoo jaalala biyyaati jedhan Af-yaa'iin mana maree federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar

Obbo Aganyoo Tashaagar haasaa sirna geggeessaa reeffa artisti Alii Birraa addabaabayii Michummaatti geggeeffamerratti argamuun haasaa taasisaniin, Alii Birraa artistii afaanoota adda addaan sirbuun tokkummaa lallabedha jedhaniiru.

Alii Birraan jaajala biyyaa,tokkummaafi wal jaalachuu artisti barsiisaa turee darbedha jedhaniiru.

Itoophiyaan har'a gadditeetti kan jedhan obbo Aganyoon jireenya Alii Birraa irraa hunduu jaalala biyyaa barachuu qaba jedhaniiru.

Dhuma irrattis uummata Itoophiyaaf jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015