Alii Birraa Muziqeessaa guutuudha - Obbo Sartsee Firesibihaat

68

Onkoloolessa 29/2015(TOI) - Doktarri kabajaaARTISTI Alii Birraa Muziqeessaa guutuudha jedhan Bulchinsa magaalaa Finfinneetti itti aanaa Biiroo aadaa, Aartiifi Turizimii Obbo Sartsee Firesibihaat.

Sirna geggeessaa reeffaa dokatara kabajaa artisti Alii Birraa irratti argamuun akka dubbatanitti, hojiin artisti Alii Birraa hojii dhaaloonni hundi irraa baratudha jedhaniiru.

Hojiin muuziqaa isaa kanneen afaan inni ittiin sirbuu hin beeknee birattis jaalatamu ta'uu himaniiru.

Alii Birraan ogeessaa meeshaalee muuziqaa hedduu taphachuu danda'uu kan dandeetti addaa qabudha jedhaniiru.

Hojiin muuziqaa isaa yeedaloo addaa kan qabu jaalatamaafi kab baay'ee dhaggeeffatamu ta'uu himanii, maqaa isaan manni barnootaa Muuziqaa ijaaramuu akka qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015