Itoophiyaatti nagaa waaraa fiduuf waliigaltee irra gahame deeggarsuun barbaachisaadha – Poop Firaansiis

18

Onkoloolessa 28/20159TOI) – Itoophiyaatti nagaa waaraa fiduuf waliigaltee irra gahame deeggarsuun barbaachisaadha jedhan Roomitti Phaaphasiin mana Amntaa Kirsitaanaa Kaatoolikii Poop Firaansiis .

Poop Firaansiis karaa miidiyaa hawaasummaa Tiwiteer jedhamuun akka beeksisanitti, Waliigalteen Mootummaan Itoophiyaa fi ABUT taasisani Itoophiyanootaaf carraa gaarii kan uumedha jedhaniiru.

Itoophiyaatti nagaan waaraan akka bu’uuf hundi keenya deeggarsa barbaachisu taasisuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.