Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad boqochuu Doktara kabajaa Artisti Alii Birraan Gadda keessookoo ibsaa;- Maatii, Hiriyootaafi dinqisiifattootasaa guutuu Adunyaarra jiraniifis jajjabinan hawwa jedhan.

270

IBSAA HIN DHAAMNE

Alii Birraa sajoo guddaa, Qabeenya Biyyaafi Addunyaati. Artistii dhugaa isa Afaanota torbaan Jaarraa walakkaa oliif mirga namoomaafi hacuucamtootaaf sagaleeti.

Aartistii, Aartiin kan Addunyaa ta'uusaa sirriitti hubatee, Aartiin sabaafi Afaaniin, qabeenyaafi dhabeenyaan akka nama hin qoodne qal-beeffatee, daddarba jiruu, Sadoofi Qananii dhala namaa waliin qooddateedha.

Hambaa Aartiifi wabii cunqurfamtootaaf sagaleeti, Doktarri Kabajaa Dachaafi Aartist Alii Birraa. Sirbi isaa Sirna Abbaan Lafaa qonnaan bulaa ittiin miidhee mormuun diddaan bara sanaa akka finiinuufi jijjirama sirnaa warra fedhaniif hirkoo ta'ee, hardhummaa Itiyoophiyaa hawwuu bira darbee, Wallee isaatiin suuraa guyyaa boruu kaasuun nu agarsiiseera.

Sirboonni isaa warra hardha dhaggeeffatamanii boruu nuffaman osoo hin taane, Walleelee ce'oo warra kaleessaas turanii, hardhas jiraatanii, boruuf ammoo galaa ta'aniitu baay'atu.Alii Birraan mootii muuziqaa ta'uu isaatiif ragaan, Qinyiitiiwwan muuziqaa hundarratti sirbuu isaati.

Kanaanis Aartistii gameessaa Afrikaa ta'uun badhaafameera. Isaaf muuziqaan salphaadha.

Makkoofi rakkoo sabaa tuulame taa'ee daqiqaa 5 keessaatti akka daawwitiitti namatti muldhisa.

Walleewwan isaa jechoota halluu miidhagaan faayaman, daran waalta’oofi jechoota sonaafi simboo hawaasaan kan guutamanidha.

Yeedaloon isaammoo gurra namaa hin quuqani, suuta jedhanii akka Dhiigaa qaama namaa keessa yaa'aanii nama waldhaanu.

Sirboonni isaa warreen jaalala labsan ammoo qaamaafi qalbii namaaf sugu, xiinsammuu jaalalaan qabameefis sifa ta'u.Kana qofaas miti; inni Aartii biyyaafi Afrikaaf wabiidha.

Umrii isaa raage kanatti Weellistoota dargaggoota Itiyoophiyaa waliin sirbuun labata dhufuuf baallii darseera. Muuxannoo isaa jaarraa walakkaa oliif tuulames dhalootaaf galaaseera.

Itiyoophiyaafi Afrikaan Aartistoota akkanaa barbaaddi. Warra Aartiif dhalatanii Aartiif jiraatan.

Warra Afaan isaan hin daangeessine; warra jijjiramni sirnaafi siyaasaa isaan hin danqine.

Warra dhugaaf sirbaniifi dhugaadhaaf jiraatan.Aliin waanniifi mata dureen inni irratti hin sirbine hin jiru.

Sirboonni isaa hedduun utubaa qabsoo, uummataati. Warri kaan ammoo jaalala leellisu, Gariin ammoo barnoota jabeessu, kaanis Ispoortiin fayyaaf jechuun sochii qaamaa jajjabeessu.

Kanneen hafanimmoo duudhaa, Sansakaafi qabeenya guddaa biyyaa leellisu, uumaa dinqisiifatu.Hundaa’ol ammoo sirbi Alii Birraa “Haati teenya tokkoo maaltu addaan nu baase” jedhu, Ulfinaafi guddina Alii Birraaf ragaa baha. Aliin wallee isaa kana keessatti namni nama hin caalu jedha.

Hundi keenya haadha tokko irraa dhalanne. Dhalli namaa Addunyaa kana guutee dambali'e kun haadha tokkorraa dhalate. Tiruu tokkos boraafate. Garuummoo gara garummaa yaadaafi siyaasaatiin addaan faca'e.

Gara garummaan yeroofi sirnaan uumame kun ammoo haadha tokkorraa dhalachuu Uummata Addunyaa kana jijjiruu hin danda'u. kanaaf “haati teenya tokko” maaltu addaan nu baase kan inni jedhe.

kanaaf Alii Birraa “Ibsaa hin dhaamnedha.” Isatu nurraa boqote malee Hojiin inni nuuf gumaache bara baraan jiraatu.

Boollasaa Daadhiin haa guutu, lubbuun isaammoo Jennata keessatti haa qananiitu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015