Waliigalteen taasifame akka milkaa'uuf hirmaatoota gaheesaanii bahan hundaaf galatatu mala - Pirezidaanti Saahilewaruq Zawudee

76

Onkoloolessa 27/2015(TOI) - Waliigalteen mootummaa fi ABUT jiddutti taasifame akka milkaa'uuf hirmaatoota gaheesaanii bahan hundaaf galatatu mala jedhan Pirezidaanti FDRI Saahilewaruq Zawudee.

Pirezidaanit Saahilewariq Zawudee sagantaa Bulchiinsi magaalaa Finfinnee badhaasa idi addunyaa Biraaziliifi Arjentiinaatti argateef kanneen gumaacha taasisaniif sagantaa beekamtii laachuu galma bar kumeetti geggeeffamerratti argamuun ergaa dabarsaniin waliigalteen nageenyaa Afrikaa Kibbaatti taasifame hunda keenya tasgabeeseera, Uffee jennee akka afuura baafannu nu taasiseera jedhaniiru.

Waliigaltee akkanaarra gahuun jabinaafi seenaa cimaa gaafata kan jedhan pirezidaanitittiin hirmaatonni waliigaltichaa gama hundaanuu murtee siyaasaan milkaa'ina agarsiisaanif galateeffataniiru.

Lola waliin waliinii keessatti injifataan hin jiru kan jedhan pireezidaanit Saahilewariq waliigaltee irra gahmeenis kan ijifate Itoophiyaadha jedhaniiru.

Kan cabe suphuu, kan miidhame jajjabeessuun dirqama Itoophiyaanota maraati jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015