Doktar Abiy Ahimad Arsii Lixaatti haala walitti qabinsa oomisha qamadii daawwatan

116

Onkoloolessa 26/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaati haala walitti qabinsa oomisha Qamadii daawwatan.

Ministira muummee dabalatee Itoophiyaatti ambaasaaddara Itoophiyaa Reemii Mareshoofi hawaasni dippilomaasii biroon daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Godinichatti lafti heektaara kuma 125 kilaasterraan qamadiin kan oomishame yoo ta'u, guyyaa har'aas maashinoota ammayyaa midhaan haamaniifi calleessan fayyadamuun walitti qabamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015