Torbeen agarsiisa daldalaa oomisha indastirii idil addunyaa Afrikaa Soorsinig' Finfinneetti jalqabe

57

Onkoloolessa 25/2015(TOI) - Torbeen agarsiisa daldalaa oomisha indastirii idil addunyaa Afrikaa Soorsinig' Finfinnee Hootela Iskaayilaayititti har'a jalqabe.

Banisaa agarsiisa kanarratti Ministirri Indastirii Malaakuu Allebal, Ministira Turizimii Naasisee Caalii,Itoophiyaatti ambaasaaddara Jarman ambaasaaddar Isteeven Awar, Itoophiyaatti bakka bu'aa daarektara dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbata misooma Indastirii Awuraaliyaa Paatiriziyaa argamaniiru.

Agarsiisa daldalaa kanarratti biyyoota 30 irraa kan walitti dhufan oomishitoonni 200 kan hirmaatan yoo ta'u, kana keessaa 39 kan ta'an oomishitoota Itoophiyaarra hirmaatan ta'uu himaniiru.

Waltajjiin agarsisaa kun oomishitoonni muuxannoo kan wal jijjiran, walitti dhufeenyaa gabaa kan uummatanfi walitti dhufeenya gama hundaan qaban kan cimsatan ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015