'Lemaatiin' riqicha qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi bitataa walqunnamsiisudha''

84

Onkolooleessa 24/2015(TOI) - Har'a Magaalaa Arbaa Mincitti duula misoomaa 'Yeleemaat Tiruufaat' jedhamu eegalsiifneerra jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad.'Lemaatiin' riqicha qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi bitataa walqunnamsiisudhas jedhan.

Nyaata gahaafi madaalawaa argachuu ilaallata; gahaan dhimma hangaa yoo ta'u madaalawaan immoo dhimma qabiyyeetis jedhan karaa midiyaa hawaasummaa ergaa dabarsaniin.

Nyaataan of danda'uun birmadummaafi ulfina biyyaa waliin hidhata cimaa qaba; duulli 'Yeleemaat Tiruufaat' jedhamu kun tattaaffi sadarkaa maatiitti akkasumas sadarkaa biyyaatti nyaataan of danda'uuf goonu nuu si'oomsa jedhan Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015