Injifannoo seena qabeessa gootonni Itoophiyaa lafa irratti argatan kan cimsu injifannoon nageenyaa argameera - MM Abiy Ahimad

155

Onkoloolessa 24/2015(TO) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad waliigaltee Afrikaa Kibbaatti taasifameen Injifannoo seena qabeessa gootonni Itoophiyaa lafa irratti argatan kan cimsu injifannoon nageenyaa argameera jedhan.

Doktar Abiy Ahimad istaadeemii Arbaa Miincitti haasaa taasisaniin Marii araraa Afrikaa Kibbaatti geggeeffameen yaanni Itoophiyaan dhiheesite guutummaan guutuutti fudhatama argateera.

Waliigaltee kanaanis tokkummaafi birmadummaan Itoophiyaa marriif hin dhihaatu qabxiin jedhu fudhatama argateera jedhaniiru.

Filannoon Naannoo Tigiraayitti gaggeeffamees seeraan ala ta’uu himuun, qaamoolee lameen kan waliigalan ta’uus himaniiru.Bulchiinsa filannoo haaraan akka hundeeffamuus waliigalteerra gahuu himaniiru.

Misoomaafi nageenya waaraa biyyaaf akkasumas Itiyoophiyaan akka gammadduuf qaamni hunduu gaheesaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Wareegama kaffalame dhiifamaan irracee’uun akka barbaachisus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015