Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad sagantaa misoomaa oomisha Aananii, lukkuufi Dammaa kan ''Bu'aalee Maaddii'' jedhamu jalqabsiisan.S

120

Onkoloolessa 24/2015(TOI - Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad sagantaa misoomaa oomisha Aananii, lukkuufi Dammaa kan ''Bu'aalee Maaddii'' jedhamu jalqabsiisan.

Sagantaan kun waggaa 4 keessaatti hojiirra kan oolu yoo ta'u kayyoon isaa guddanis oomishaafi oomishitummaa balladaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessufi sirna nyaata fooyyessudhaa jedhameera.

Dabalatanis kaayyoon sagantaa kanaa carraa hojii uumuufi galii alaa argamsiisuufi oomishalee beelladarra argaman kan alaa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuudha jedhamera.

Haaluma kanaan oomisha Aannanii waggaatti liitiraa biliyoonaa 6.9 ture gara liitira biliyoona 11.7 ol guddisuuf ni hojjetama jedhameera.

Oomisha Foon lukkuu toonii kuma 90 waggaatti ture gara toonii kuma 240tti ol guddisuuf karoorfamuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015