Milkaa'ina waliigaltee marii araaraa karaa gamtaa Afrikaa irraa gahameef Ameerikaan deeggarsa ishee itti fufti.

207

Milkaa'ina waliigaltee marii araaraa karaa gamtaa Afrikaa irraa gahameef Ameerikaan deeggarsa ishee itti fufti.

Ministirri dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken mariin araraa karaa gamtaa Afrikaa Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti Mootummaa Itoophiyaafi ABUT waliin geggeeffamaa milkaa'inaan xumuramusaatti akka gammadaan himaniiru.

Antoonii Biliinken marichi nagaan xumuramuu hordofee Ministira Qunnamtii idil addunyaafi qindoominaa Leendii Paandoor waliin dubbachuu isaanii himanii, Afrikaan Kibbaa Gamtaa Afrikaa waliin taatee waltajjii kana qindeesuu isheef galateeffataniiru.

Hojiiwan Waraana dhaabbatu, deeggarsa namoomaafi deebisanii dhaabuu hojjetamu hundaa Gamtaa Afrikaa waliin ta'uun Ameerikaan deeggarsa ni taasisti jedhaniiru.

Waliigaltee nageenyaa Mootummaa Itoophiyaafi ABUT waliin taasisan karaa sirna heeraa kabajeefi fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabajeen xumuramuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015