Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gara magaalootaa Siwizarlaandi Zurikiifi Zimbaabuwee Bulawaayootti balalii jalqabe.

86

Onkoloolessa 21/2015(TOI) - Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyaa har'aa irraa jalqabee gara magaalootaa Siwizarlaandi Zurikiifi Zimbaabuwee Bulawaayootti balalii jalqabe.

Hoji geggeessan olaanaa Daandii Qillensa Itoophiyaa obbo Masfiin Xaasoo akka himanitti balaliin gara Zuurikitti taasifamu Siwizarlaanditti balalii Jenevaatti taasisutti aanee isa lammaffaadha.

Daandiin qilleensicha Mgaalaa Zimbaabuwee Bulawaayootti balaliin taasisun balalii gara magaaloota Zimbaabuweetti taasisu sadiin gahuu himaniiru.Daandiin qillensichaa torbanitti yeroo sadi gara Zurikitti balalii kan taasisu ta'uus himaniiru.

Daandin Qileensicha gara Zurikitti balalii jalqabuu isaan balalii gara Awurooppaatti taasisu gara 19 kan guddise yoo ta'u gara Bulawaayootti balalii jalqabuu isaan immoo balalii gara magaaloota Afrikaatti taasisu 63 ol guddisera jedhaniiru.

Sirna balalii haaraa jalqabsiisuu kaleessa taasifamerratti hoji geggeessaan olaanaa Daandii Qillensa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, walitti qabaa boordii daandii qileensichaa obbo Girmaa Waaqee, Itoophiyaatti itti aanaa komishinaara imbaasii Siwizilaandi Olivar Oheen , Pirezidaantii Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti Atileet Daraartuu Tulluu fi keesummoonni biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015