Godinichatti tajaajila tola ooltummaan hojiin birrii miliyoona 34 tilmaamamu hojjetameera.

63

Onkolooleessa 17/2015(TOI) - Tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaan godinichaatti hojiin birrii miliyoona 34 tilmaamamu hojjetamuu waajjirri Dargaggoofi Ispoortii godinichaa beeksise.

Waajjirichatti duraasn garee sosochii dargaggoo obbo Nageessaa Mashashaa akka himanitti gosa tajaajila tola ooltummaa 29'n uummata kuma 500 fayyadamaa taasisuuf jalqabamee hojiin isaa ammas cimee itti fufeera jedhaniiru.

Hojiiwan tola ooltummaan hojjetama keessa . misooma magariisaa, Dhiiga gumaachuu,Qulqullina magaalaa, Baratoota barnootaa dabalataa barsiisuu, mana namoota humna dhabeeyyii haaromsuu, Riqicha hojjechuufaa akka ta'ee himaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa kanarratti dargagoonnii 350 hirmaachuu himanii hojii kununsaa qabeenyaa umamaan daagaa hojjechufi biqiltoota miliyoona 6 dhaabuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015