Qonnaafi horsiisa beelladaan hawaasa fayyadamaa taasisuuf hojiin tekinolojii ceesisuu hojjetamaa jira - Koolleejji Qonnaafi ogummaa Walaayittaa Sooddoo

115

Onkoloolessa 14/2015(TOI) - Koolleejjiin Qonnaa, barnootafi leenjii ogummaa hojii baruufi barsiisuun cinaatti Qonnaafi horsiisa beelladaan hawaasa fayyadamaa taasisuuf hojii tekinolojii ceesisuu hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Diiniin Koollejjichaa gargaraan Piroofesaraa Maarkinee Wasanee TOItti akka himanitti Koolejjichi damee qonnaan humana namaa leenji'ee uumuufi bobbaasuuf hojjechaa jira.

Koollejjichi hojii baruufi barsiisuun cinaatti ce'umsa tekinolojiifi tajaajila hawaasummaan bakka hojjetanii agarsiisuu lafa heektaara 32 irratti Fuduraa, Ingudaayee, Raammoo harrii, horsiisa Kannisaa, Qurxummiifi Lukkuu hojjechuun tekinolojii hawaasa barsiisaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015