Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, agarsiisa egzibishinii Verchuwaaliii Paarkii Inxooxxootti qophaa’e daawwatan.

80

Onkoloolessa 14/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, egzibishinii Verchuwaaliii qopheessuummaa Yuunivarsiitii Finfinneen qopha'ee Paarkii Inxooxxootti qophaa’e daawwatan.

Egzibishinii kanarratti ijaarsa manneen amantaa Laalibalaa jalqabarraa hanga ijaarsa waliigalaasaafi sadarkaa yeroo ammaa irraa jiru teekinooloojiin deeggaramuun agarsiisaaf dhiyaateera.

Seenaan manneen amantaa kanneenii teekinoloojiin deeggaramuun agarsiisaaf dhiyaatera.

Doktar Abiy, Egzibishinii seenaa abbootiin keenya kaleessaa hojjetan teekinoloojiin gargaaramuun Paarkii Inxooxxootti agarsiisaaf qophaahe kana lammiileen Itoophiyaa marti akka daawwatan waamicha dhiyeessaniru.

Agarsiisichi walta’iinsa mootummaa Firaansiin kan qophaa’e yoo ta’uu, ji’oota 2'f akka turuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015