Odeeffannoo haala wayitaawaa - ENA Afaan Oromoo
Odeeffannoo haala wayitaawaa
Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa magaalaalee Tigraayi gurguddoo jedhaman ta’achuu Itti fufeera.
Raayyaan ittisa biyaa Itiyoophiyaa wayita kana raawwatu utuu magaalaa keessatti waraana hin taasisiin human loltummaa ABUT jilbeeffachiisuuf tooftaalee addaddaa fayyadameera.
Mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbilee gargaarsaa namoomaa waliin ta’uun iddoowwan to’atetti deeggarsi namoomaa akka qaqaabu taasisaa jira.
Iddoowwan kanneenitti dhaabbileen tajaajila kennan tajaajila akka jalqaban qophii taasisu si’eessaa jira.
Hawaasa naannoo waliin dubbachuun haala bulchiinsi ummataa itti hundaa’uufi tajaajiltoonni hawaasaa itti jalqabu mijeessaa jira.
Kun akkuma jiruttti ta’ee Maree nageenyaa karaa gamtaa Afriikaa, Afriikaa Kibbaatti taasifamurratti ni hirmaata.
Mareen nageenyaa kun walitti bu’iinsicha nagaan hiikuuf akka dandeessisu akka carraatti fudhata.
Haala aarsaa human raayyaa keenyaan sirraa’aa dhufe caalaatti cimsuuf haala mijataa uuma jedheetu fudhata.
Jilli Itiyoophiyaa maree nageenyaa kanarratti hirmaatu ganama har’aa gara Afriikaa Kibbaatti imaleera.
Onkoloolessa 14 bara 2015
Finfinnee
Tajaajila komunikeeshinii mootummaa