Itiyoophiyaatti magaaloonni 117 fayyadamaa babal’isa misooma dhaabatummaa ta’aa jiru.

109

Onkoloolessa 12/2015(TOI) Itiyoophiyaatti magaaloonni 117 deeggarsa baankii addunyaatiin fayyadamaa sagantaa babal’isa misooma bu’uraa dhaabbatummaa ta’aa akka jiran ministirri magaalaafi bu’uura misoomaa Caaltuu sSaanii ibsan.

Ministirittiin pirojektoota misoomaa addaddaa magaalaa Hawaasaatti ijaaramaa jira wayita daawwatan, Hawaasaan magaalaawwan durii keessatti kan ramadamtuufi gama hedduun filatamaa akka taate dubbataniiru.

Hojiiwwan bu’ura misoomaa magaalattii gitan hojjetamaa akka jiran arguu isaaniifi bu’uraalee misoomaa kanneen xumuruun barbaachisa jedhaniiru.

Hawaasaa dabalatee Itiyoophiyaatti magaalaawwan 117 deeggarsa baankii addunyaarraa argameen kan hojjetamu sagantaan babal’isa bu’ura nisoomaa dhaabbatummaa magaalootaa fayyadamaa ta’aa akka jiran ibsaniiru.

Kanaan dura magaalaaleen bu’uraalee misoomaa xixiqqoorratti hundaa’anii hojjechaa akka turan yaadataniiru.

Bara 2014 irraa kaasee magaalaaleen kunneen pirojektiiwwan guddinasaaniif human bu’uraa ta’uu danda’an irratti akka xiyyeeffatan kallattiin kaa’amuu eeranii,  bulchiinsi magaalaa Hawaasaa kana hojiirra oolchuun hojiiwwan qabatamaa hojjechaa akka jiru hubachuusaanii dubbataniiru.

Keessumaa hojiiwwan misoomaa gaara Taaboor, seensa magaalaa Hawaasaafi paarkii dabalatee pirojektoonni biroon magaalattiif human dinagdee dabaluurra darbee hawaasa naannawaaf carraa hojii bal’isuun tuurizimiif ta’uu akka danda’an himaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Hawaasaa gargaaraa piroofeesaraa Tsaggaayyee Tukkee gamasaaniitiin, ijaarsi pirojektootaa gaaffii misoomaa bu’uraa ummataa  jiddu galeessa godhatan baasii birrii biiliyoona 2 oliin adeemsifamaa akka jiran ibsaniiru.

Pirojektoonni addaddaa magaalattii caalaatti mul’isan, hawata dabalataafi madda galii ta’uu danda’an ijaarsarra akka jiran himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015