"Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan jalqabaman jabeessuun haalota jiran dhaloota misoomatti jijjiruu danda'u uumuuf ni hojjetama"

151

Onkoloolessa 12/2015(TOI) - Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan jalqabaman jabeessuun haalota jiran dhaloota misoomatti jijjiruu danda'u uumuuf hojjetama jiraachuu Ministirrii Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad beeksisan.

Doktar Abiy Ahimad kana kan dubbatan godina Jimmaa magaalaa Akootti sirna eebba mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Akoo waajjira giifti dureen ijaarame irratti ergaa dabarsaniin.

Manni barnootaa kun manneen barnootaa waajjirri giifti duree naannolee hundaatti ijaarsise xumure keessaa isaa 25ffaa yoo ta'u, ministirri muummee doktar Abiy Ahimadis sirna eebba mana barnootaa kanarratti argamuun haasaa taasisaniin barnoonni furtuu rakkoo qonnaan bultootaa ittiin itti fufinsaan furrudha jedhaniiru.

Kanaaf rakkoo qulqullina barnootaa furuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa jedhaniiru.

Itoophiyaan haala qillensaa adda addaa waan qabduuf hundumaayyuu fayyadamnee damee hundaan Itoophiyaa misoomsuu qabna jedhaniiru.

Hojiin manneen barnootaa babbali'isuun qaqqabummaa barnootaarratti Waajjirri giifyi duree hojjechaa jiru cimee akka itti fufus gaafataniiru.

Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniinis sirna eebbaa mana barnootaa waajjira giifti dureen ijaarame kanarratti argamaniiru.

Qaqqabummaa barnootaa babali'isuufi qulqullina barnootaarratti hojiin jalqabame xiyyeeffannoo addaa kennamefii hojjetama jedhaniiru.

Rakkoo hiyyummaa dhaabbiin furuuf barnoonni murteessaa ta'uu himanii, hojiiwaan sadarkaa biyyaatti hojjetaman misooma biyyaa mirkaneessuuf bu'uura kan kaa'udha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015