Ministeerichi lammilee balaa nam-tolcheefi umamaa miidhamaniif deeggarsa birrii miliyoona 320 taasise

118

Onkoloolessa 11/2015(TOI) - Ministeerri Magaalaafi Misoomaa Bu’uuraa, Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaatti lammiilee sababa balaa umamaafi nam-tolcheen buqqa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa birrii miiliyoona 320 taasise.

Deeggarsa kanaas Ministirri Magaalaafi Misoomaa Bu’uuraa Aadde Caaltuu Saanii, Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa Obbo Risituu Yiridaawutti kennaniiru.

Lammiilee sababa balaa uumamaafi nam-tolcheen qe’eefi qabeenyaasaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Aadde Caaltuun himaniiru.

Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yiridaawu gamasaaniin, deeggarsa taasifameef galateeffachuun, lammiilee balaa umamaafi nam-tolcheen buqqa’an kuma 90 ol deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015