Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa xumurame

155

Onkoloolessa 11/2015 (TOI) Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 marsaa lamaan kennamaa ture xumuramuusaa ministeerri barnootaa beeksise.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa yeroo jalqabaaf Yunivarsiitota keessatti marsaa lamaan kennamaa tureen barattoonni kuma 900 ol jiddu galeessota 130 keessatti qormaata fudhataniiru.

Marsaa jalqabaa qormaata barattoota saayinsii hawaasaa irratti rakkoo mudateen ala akkaataa karoorfameen xumuramuu eeranii, qoratamtoonni marsaa lammaffaa har’aa kaasee gara naannawa isaaniitti deebi’uu akka jalqaban beeksiseera.

Qormaatichi bu’a qabeessa akka ta’u qophiin Yunivarsiitonni taasisaniifi gumaachi qormaatarratti taasisan olaanaa akka tureefi barattoonnis sirna qormaatichaa kabajanii qoratamaa turuunsaanii beekameera.

Ministeerri barnootaa maatii barattootaa, barattootaafi barsiisota qindeessitoota buufataalee, supparvaayizaroota, qaamolee nageenyaafi qaamolee milkaa’ina qormaatichaaf gumaacha taasisan galateeffateera.

Haalli qormaanni baranaa itti kenname hanna qormaataafi walirraa hojjechuu gama hanbisuutiin gumaachi taasise bu’a qabeessa ta’uun kan itti mul’ate akka ture beekamuun ibsameera.

Fuula duras sirna qormaanni itti kennamu fooyyessuudhaan dhaloota fooyya’aafi ofitti amanu uumuuf xiyyeeffannaan ni hojjetama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015