Biriitaaniyaan filannoo Itoophiyaa fulduratti geggeeffamuuf deeggarsa birri miiliyoona 580 ni laatti

120

Finfinnee Eebla 25/2011 Biriitaaniyaan filannoo Itoophiyaa fulduratti geggeeffamuuf deeggarsa birri miiliyoona 580 akka laattu beeksiste.

Ministirri Dhimma Alaa Biriitaaniyaa Jeeramii Haanti walitti qabdu Boordii Filannoo Ityoophiyaa adde Burtukaan Miidhagsaa waliin mari'ataniru.

Ministirri dhimma Alaa Biriitaaniyaa yeroo marii kannatti yaada kennaniin Biriitaaniyaan filannoo Ityoophiyaa fulduratti gaggeeffamuuf deeggarsa ni taasiftii jedhaniru.

Deeggarsi kunis Boordiin filannoo Itoophiyaa humna isaa akka cimsatuu, filannoo ifaa fi bilisa ta'e akka gaggeessu ni tumsa jedhani jiru.

Deeggarsi laattamuuf karoorfame kunis karaa kutaa Misooma motummootaa gamtoomaniin kan kennamu ta'uus eranii jiru.

Jeeramii Haanti akka jedhanitti Itoophiyaan sirna Dimookirasii dagaagsuuf hojiin hojjacha jirtu kan dinqisiifamu.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Itoophiyaa adde Burtukaan Miidhagsaa gama isaanitiin " deeggarsi amma taasifame kun biyyattiin filannoo ummata biratti amanamaa ta'e akka gaggesituuf kan gargaru dha " jedhaniru.

Boordichi filannoon gara fulduratti adeemsiisu kun sadarkaa Adduunyaa kan egee fi Dimookirasiin kan keessaatti dagaage akka ta'uuf kan hojjatan ta'u aadde Burtukaan ibsaniiru.

Itoophiyaattii qindeesaan motummoota gamtoomanii AniAss Chuumaa akka jedhanittis biyyatiin bulchinsaa gaarii baballisuuf adeemsi deemaa jirtu kan dinqisiifamu.  

Sagantaan misooma dhaabbata mootummoota gamtoomaniis filannoo Itoophiyaa gara fulduraatti gaggeeffamu deggaruuf fedhii akka qabuus himani jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015