Bu’a qabeessummaa sagantaa qulqullinaafi nageenyaa bishaan dhugaatiif hojmaanni qindoomina dhaabbilee ga’ee olaanaa qaba

79

Onkoloolessa 10/ 2015 (TOI) Qindoominni damee bishaanii, barnootaafi faayinaansii jidduu jiru hojiirra oolmaa sagantaa bishaan dhugaatii qulqulluufi nageenyisaa eegamee bu’a qabeessa akka taasise ibsame.

Siimpooziyeemii “ool siistam go Afriikaa” Gaanaa Akraatti agaggeeffamaa jirurratti ministirri bishaaniifi Inarjii Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa jiru.

Sagantaan bishaan dhugaatii qulqullinniifi nageenyisaa eegame Itiyoophiyaatti bu’a qabeessa akka ta’u kutannoon mootummaafi hojmaanni qindaa’aan dhaabbilee human guddaa akka uume ibsaniiru.

Tajaajilli liqii marmaartuu ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu sadarkaa naannootti hojiirra oolan jalqabamuunsaa damee kanatti muuxannoo gaarii eeramu ta’uus himaniiru.

Ministirichi gama bishaaniifi saaniteeshinii galma misooma egeree milkeessuuf ilaalchisee ibsa wayita taasisan , galmoota misoomaa damee kanaa bara 2030tti milkeessuuf qabeenya sassaabuun, imaammatoota damee kanaa keessa deebi’uudhaan haalota mijatoo uumuun hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Teekinooloojiiwwan bishaan ittiin harkifaman kan biyya keessaa fayyadamuun, akkasumas deeggarsaafi wal ta’iinsa dhaabbilee deeggartootaa misoomaa cimsuu irratti xiyyeeffachuun galmicha milkeessuuf akka hojjetamu ibsuusaanii ibsi ministeerri bishaaniifi inarjii TOIf erge eereera.

Simpooziyeemiin kun sirna bishaan dhugaatii, tajaajilaafi dhiheessii  saaniiteeshiniifi hayijinii biyyoota Sahaaraan gadii irratti kan mari’atu yoo ta’u, ministiroonni bishaaniifi saaniiteeshinii biyyoota kanneenii, dhaabbilee tajaajila kennitootaa, bakka bu’oonni dhaabbilee arjoomtotaa, qorattoonni, ogeessonni olaanoo dame kanaa hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015