Waladaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa lammilee buqqa'aniif deeggarsa taasisuu beeksise.

61

Onkoloolessa 10/2015(TOI) - Waladaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa lammilee sababa adda addaan buqqa'anii aanaa Matammaa jiraniif deeggarsa birrii miliyoona 1.3 taasisuu beeksise.

Waldichatti qindeessaan damee waajjira Matammaa obbo Gizaachoo Ballaxee akka himanitti lammilee bakka adda addaarra buqqa'anii achi jiran 330'f deeggarsi taasifame.

Deeggarsi kunis lammileen rakkoo guyyaatti isaan mudachaa jiru furuuf kan laatame ta'uu himanii, Waldichi deeggarsa taasisuu kana fuula durattis cimsee kan itti fufu ta'uu himniiru.

Dhaabbileen biroos haala buqqatoonni kun keessa jiran hubachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha taasisaniiru.

Lammileen deeggarsi taasifameefis deeggarsa taasifameefitti gamaduu himanii gara fuula duraattis deeggarsi barbaachisaan akka taasifamuuf gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015