Diyaasporaan lammiilee buqqa’aniif deeggarsa maallaqaa doolaara miiliyoona sadii ta’u taasise

77

Onkoloolessa 10/ 2015 (TOI) Sababa shororkeessaa ABUTn baneen lammiilee buqqa’aniif diyaasporaan deeggarsa maallaqaa doolaara miiliyoona sadii ta’u taasisuusaa tajaajilli diyaasporaa Itiyoophiyaa beeksise.

Lammiileen Itiyoophiyaafi dhalattootaan Itiyoophiyaa ta’an deeggarsa lammiisaaniif taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiheesseera.

Mootummaan haala Diyaasporaan biyya isaaf jiddu galeessa tokkotti deeggarsa itti taasisu mijeessuuf tajaajilli diyaasporaa Itiyoophiyaa faayinaanshiyaal teeknooloojiis Chaappaa waliin ta’uun appilikeeshinii “Ayizoon Itiyoophiyaa” jedhu uumuun hojii eegalchiisuusaanii ibsaniiru.

Baatii Onkoloolessaa irraa kaasee amma baatii Amajjii bara 2014tti  appilikeeshinii kanaan doolaara miiliyoona jaha akkasumas  karaa baankii doolaara miiliyoona tokko walitti qabee komishinii hoggansa soda balaaf dabarsuu isaa beeksiseera.

Komishinichi doolaara miiliyoona torba lammiilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraata, dhalootaa Itiyoophiyaanotaafi michuuwwan Itiyoophiyaa irraa argametti fayyadamuun lammiilee naannolee Amaaraafi Afaar irraa buqqa’an kuma 699 fi 870 oliif baasii birrii miiliyoona 349  tuqaa 5 taasisuun midhaan kuntaala kuma 105 qooduusaa odeeffannoo tajaajilichaaf ergeen eereera.

Weerara marsaa sadaffaa ilaalchisuun lammiileen deeggarsa barbaadan hedduun waan jiraniif diyaasporaan deeggarsa akka taasisu mootummaan waamicha dhiheessuu isaatiin amma ammaatti deeggarsa akaakuun taasifame osoo hin dabalatiin qabeenya doolaara sadii ta’u sassaabamuusaa beeksiseera.

Dhalattoonniifi dhalootaa Itiyoophiyaa ta’anii addunyaa hundarra jiraatan “ayizoon Itiyoophiyaa” fi  lakkoofsa erragaa deeggarsaaf qophaa’etti fayyadamuun deeggarsa jalqaban cimsanii akka itti fufan tajaajilli diyaasporaa Itiyoophiyaa waamicha dhiheesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015