“Haga qulqullinni Bunaa dabalu gatiin bunaas akka dabalu hubachuun qulqullina bunaaf xiyyeeffannoo laannee hojjechaa jirra'' - Qonnaan bultoota

152

Onkoloolessa 10/2015(TOI) - “Haga qulqullinni Bunaa dabalu gatiin bunaas akka dabalu hubachuun qulqullina bunaaf xiyyeeffannoo kennanii hojjechaa jiraachuu qonnaan bultoonni oomishitoota bunaa ta'an himan.

Qonnaan bultoonni aanaa Mattuu akka himanittu buna karaa qulqullina qabuun funaanuufi gogsuun yeroon gabaatti dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Godina Gujiifi Iluu abbaa booraa bara kana buna kumataalaa kuma 700 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf ta'uu beeksisaniiru.

Itti aanaa itti gaafatama Waajjira Qonnaa Godina Iluu abbaa Booraa obbo Chaalaachoo Addunyaa akka TOItti himanitti godinichi bara kana buna kumtaala kuma 390 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfateera.

Godinichatti bunni lafa heektaraa kuma270 irraa jiru keessaa kan lafa heektaraa kuma 191 irra jiru oomisha kennaa kan jiru ta'uu himaniiru.Qulqullinaa bunaa eegguuf waltajjiwwaan adda addaa qopheessuun hubannoo laachuufi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Kontirobaandiifi daldala bunaa seeraan alaa ittisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma walfakaatuun Godinni Gujiis bara kana Buna kumtaala kuma 300 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera.

Waajjira qonnaa Godinichaatti ogeessii qophii karooraa obbo Abdiisaa Lammaa godinicharraa bunni qulqullina qabuufi sadarkaa isaa eeggate kumtaalli kuma 315 gabaa jiddugaleessaaf ni dhihaata jedhaniiru.

Bara kana bunni gabaa jiddugaleessaaf godinicharraa dhihaatu kan bara darbe yeroo walfakata kumtaala kuma 176 caalmaa qaba jedhaniiru.

Sababa dhiseessiin bara kanaa dabaleef keessaa Roobni gahaan jiraachuu, Hundeen bunaa haaraa dhaabaman oomisha laachuu jalqabuu kanneen eermanidha jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni yaada isaanii TOItiif laatanis akka himanitti oomisha bunaa karaa qulqullina qabuun walitti qabuuf hojjechaa jiru.

Kanaan dura oomisha oomishan irraa bu'aan argatan xiqqaa ta'uu himanii, amma garuu gatiin bunaa waan fooyya'eef fayyadamummaan keenya dabalaa waan jiruuf qulqullina bunaaf xiyyeeffannoo kenninee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015