Godinichi kanneen hojiirratti bobba’an 455f walitti hidhiinsa uumuu beeksise

55

Onkoloolessa 10/2015(TOI) Godina gujiitti kanneen hojiirratti bobba’an 455f walitti hidhiinsi gabaa birrii miiliyoona 81 ol taasifamuu waajjirri carraa hojii uumuufi dandeettii ogummaa ibse.

Waajjirichatti dursaan garee walitti hidhiinsa gabaa ob. Habtaamuu Girmaa akka ibsanitti, magaalaa Nagalleetti  suuqiiwwan gurgurtaa 21 fi bakki itti oomishan lafti heektaarri 140 kanneeniif kennameera.

Walitti hidhiinsa gabaa uumameen dargaggoonni kuma 4 fi 366 fayyadamaa ta’uusaanii beeksisaniiru.

Dargaggoonni kunneen barbaachuufi bittaafi gurgurtaa, daldala, qonna, horsiisaafi furdisa beelladaa, ijaarsa, hojii mukaafi sibiilaa irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Walitti hidhiinsi gabaa kun ummata, waldaalee waldaalee waliin, waajjiraalee addaddaafidhaabbilee misoomaa mootummaa waliin ta’uus ibsaniiru.

Waggaa kana walitti hidhiinsi gabaa birrii miiliyoona 410 namoota kuma 6 fi 803fayyadamoo taasisu ni uumama jedhaniiru.

Dargaggoota walitti hidhiinsi gabaa taasifameef keessaa dargaggoo Teedii Birhaanuufi miiltoowwan isaa sadii meeshaalee manaafi biiroo oomishan waajjiraalee mootummaaf illee gatii madaalawaan dhiheessuun galii argachaa akka jiran himaniiru.

Dargaggoo Addisuu Liibaniifi miiltoon isaa sadii industirii sibiilaatiin gurmaa’anii hojii jalqabuusaanii ibseera.

Dargaggoon kunneen ofirra darbanii kanneen biroof carraa hojii uumuusaanii dubbataniiru.

Oomisha keenya karaa walitti hidhiinsa gabaa fayyadamtootaaf dhiheessaa jiraannus qaala’iinsi galteefi gatii meeshaalee ijaarsaarraa gufuu ta’aa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015