Bunni Itoophiyaa dhamdhama addaa qabu Egizibiishinii idil addunyaarratti dhihaate.

81

Onkololeessa 9/2015 (TOI)- Bunni Itoophiyaa dhamdhama addaa qabu Egizibiishinii idil addunyaarratti Jaappaan Magaalaa Tookiyootti gaggeeffamaa jirurratti dhihaachuun himame.

Egizibiishinichi Onkololeessa 11-14, 2022 kan gaggeeffame yoo ta’u, egzibiishinicharratti oomishtoonni, ergitoonniifi alaa galchitoonni hedduun oomishaalee isaanii dhiyeessuun eerameera.

Waltajjicharratti ergitoonni, waldaan buna Itoophiyaa fi waldaalee daldalaa fi seektaraalee 40 ol hirmaataniiru.

Egzibiishinicharratti Itoophiyaan buna dhandhama addaa kallattii adda addaan beeksisiteetti jedhameera

Hirmaattonni waltajjichaas alergitoota Jaappaanii fi biyyoota biroo waliin hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirrattis mari’achuun ibsameera.

Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Tafarraa Darriboo, biyyoota buna ergitoota keessaa adda duree kan taate Itoophiyaan damichaan faayidaa maluuf akka argattuuf oomisha beeksisuurratti xiyyeeffattee hojjechuu akka qabdu hubachiisuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015