Gareen dippiloomaasii magariisaa Itiyoohiyaafi dargaggoonni Jibutii ashaaraa magariisaa kaa’an - ENA Afaan Oromoo
Gareen dippiloomaasii magariisaa Itiyoohiyaafi dargaggoonni Jibutii ashaaraa magariisaa kaa’an
Onkoloolessa 05/2015(TOI) Gareen dargaggootaa dippilomaasii magariisaa Itiyoophiyaa dargaggoota Jibutii waliin ta’uun obbolummaa Afriikaa cimsuurratti kan kaayyeffate sagantaa biqiltuu dhaabuu Jibutii naannoo Artaatti taasise.
Waajjira ministira muummeetti ministirri qindeessaan ijaarsaa sirna demokiraasii ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir, ministirri qonnaa Jibutii Ahmad Mahaammad Awwaleh, ministirri aadaafi dargaggootaa Jibutii Hiiboo Muumiin Asooewwh,jibutiitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee akkasumas dargaggoonni Itiyoophiyaafi Jibutii sagantaa kanarratti argamaniiru.
Itiyoophiyaan kanaan dura sagantaa biqiltuu dhaabuu si’a lama Jibutiitti kan taasifte yoo ta’u, har’as karaa garee dippilomaasii magariisaatiin michooma cimaa biyyoota lamaan jidduu jiru jabeessuuf kan kaayyeffate si’a sadaffaaf biqiltuu dhaabdeetti.
Itiyoophiyaan sagantaa kanaan walta’iinsa ollaasheefi guutuu afriikaa waliin qabdu karaa dippiloomaasii magariisaa dabaluuf hojjechaa jirtia.
Biqiltuu dhaabuurratti kan argaman waajjira ministira muummeetti ministirri qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir Itiyoophiyaafi jibutiin hariiroo isaanii bara dheeraa sagantaa ashaaraa magariisaatiin akka dabalan dubbataniiru.
Ministirri qonnaa Jibutii Ahmad Mahaammad Awwaleeh gamasaaniitiin, dhaabbiin biqiltuu dargaggoonni Itiyoophiyaa Jibutiitti taasisan michooma cimaa Itiyoophiyaafi Jibutii gara sadarkaa olaanaatti kan guddisudha jedhaniiru.
Biqiltuun dhaabate Itiyoophiyaan Iddoo guddaa Jibutiif qabdu kan agarsiisudha jedhan.
Dargaggoonni Itiyoophiyaafi Jibutii ashaaraa magariisaa irratti hirmaatan akka jedhanitti, carraan egeree biyyoota lamaanii tokkummaa irree dargaggootanifa ta’a jedhaniiru.