Hojiiwwan sochii daldala seeraan alaa ittisuuf hojjetamanirratti ogeeyyonni miidiyaa ga’eesaanii ba’uu qabu

214

Onkoloolessa 05/2015( TOI) Seeraan alummaa sirna daldalaa keessa jiru to’achuufi ittisuuf hojii hojjetamu keessatti ogeessonni miidiyaa ga’ee ogummaasaanii akka ba’an ministirri daldalaafi walitti hidhiinsa riijinii beeksise.

Qaamoleen miidiyaa Seera, imaammataafi tarsiimoo damee kanaa hubatanii raawwannaasaaf ga’eesaanii akka ba’an yaadamee waltajjiin qophaa’e magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

De’eetaan ministiraa daldalaafi walitti hidhiinsa riijinii ob. Indaalew Mokonnon akka ibsanitti, ogeeyyonni miidiyaa seer alummaa sirna daldalaa keessa jiran to’achuufi ittisuuf yaalii taasifamu ogumasaaniitiin deeggaruu qabu.

Hojmaataafi seerota ministeerichaa ilaalchisuun ogeessota miidiyaaf hubannoo uumuun barbaachisaadh kan jedhan de’eetaan ministiraa kun, sirna daldalaa fayyaalessa diriirsuuf raawwii seeraafi hojmaataaf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kana gochuun dhaabbata tokko qofaan akka hin danda’amneefi as keessatti ga’een qaamolee miidiyaa  baay’ee barbaachisaaa ta’uu himaniiru.

Seerri daldalaa biyyattii waggaa 60 ol tajaajilaa ture fooyya’ee bifa haaraan hojiitti galuu ob. Indaalew ibsaniiru.

Amma ammaatti biyyi keenya imaammata daldalaa akka hin qabne dubbatanii, yeroo ammaa imaammanni daldalaafi tarsiimoon daldala al ergii qophaa’ee hojiitti galuu himaniiru.

Haala kanaan waltajjiin kun bu’a qabeessummaa tarsiimoo daldala al ergiifi hojiirra oolmaa imaammatichaaf qaamolee miidiyaa waliin qindoominaan hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.

Seera daldalaa hojmaata badaafi  alseerummaan, keessumaa hanna daldala agergiifi galchii, hattummaa, malaammaltummaa, albaadhessummaan xaxame hundeerraa balleessuuf yaalii taasifamu qaamoleen miidiyaa ogumasaaniitiin deeggaruu qabu jedhaniiru.

Ogeessonni miidiyaalee addaddaarraa bakka bu’an waltajjii kanarratti hirmaachaa  jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015