Reeffi Dr. Nagaasoo Gidaadaa sanbata dhufu Itoophiyaa gala - koree qindeessaa

125

Ebla 24/2011 Reeffi pirezdaantii duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaa sanbata barii Itoophiyaa akka galu koreen biyyoolessaa sirna awwaalchaa beeksise.

Sirna simannaa reeffaa irratti hooggantoonnii olaanoo mootummaa, firoonnii fi jaallattoonni isaanii akka argaman walitti qabaan korichaa dooktor Iyyoob Taakkaalinyi har’a ibsa kennaniin eeraniiru.

Reeffii isaanii sanbata ganama sa’a 12tti Boolee buufata Xayyaaraatii gara hospitaala Haayaat deemuun kan bulu yoo ta’u, Diilbata ganama keessaa sa’atii tokko irratti gara mana jireenyaa isaaniitti akka geeffamu beeksifameera.

Sirni awwaalchaa kun kabaja dooctor Nagaasoon biyya isaanii tajaajilaa turaniin  haala madaaluun sirni bal’aan akka jiru kan dubbatame yoo ta’u, Diilbata sa’atii 4:30tti gara galma miliiniyeemiitti deebi’uun du’a isaanii ilaalchisuun firoottanii fi jaallattoota isaaniin sirni ergaa dabarsuu ni raawwata.

Namni gadda isaanii hirmaatu kamiyyuu galma miliiniyeemiitti aragamuu akka danda’uu fi waan ittiin seenan kan hin gaafatamne ta’uu koreen biyyoolessaa kun beeksiseera.

Haala kanaan Ebla Diilbata 27 bara 2011 A.I kutaa magaalaa Gulallee mana brumsaa Jeneraal Wiingeetii fuulduratti kan argamu bakka awwaalcha Pirotestaantiitti sa’atii 9  irratti sirni awwaalcha isaanii ni raawwata.

Sirna awwaalchaa kana ilaalchisuun daandiiwwan cufamanii fi haalli dhimma nageenyaa guyyoota hafan keessatti akka ibsamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015