Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaatti daandii qilleensaa filatamaa bara 2022 ta'uun himame.

126

Onkololeessa 4/2015(TOI) - Daandiin Qilleensa Itoophiyaa daandii qilleensaa filatamoo bara 2022, 10 keessaa isa jalqabaa ta'uun dursummaasaa itti fufisiisuun himame.

Akka gabaasa Biizinees Insaayideer Afrikaatti Daandiin Qilleensa Itoophiyaa daandii geejibaaf filatamaafi tajaajila balalii amanamaa kennuun waggoota lamaaf sadarkaa jalqabaa qabachuun Afrikaatti daandii qilleensaa filatamaa ta'uusa mirkaneesseera.

Daandiwaan Qilleensaa sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaarra jiran keessaa daandiwwan Qilleensaa lama Daandii Qilleensaa biyyaaleessaa akka hin taane gabaasaan kun ifoomseera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa tajaajilootaa mijatoo, kan ariitii qabuufi amayyaa laachuun sadarkaa addunyaatti beekamtiwaan adda addaa argateera.

Raam jedhamee kan waamamu daandiin Qilleensaa Morookoo Royaal - Eri - Morookoo sadarkaa 2ffaa yoo ta'u, Daandii Qilleensa Afrikaa Kibbaa Saawuzi Afrikaa Er Weey immoo sadrkaa 3ffaarra kan jiran ta'uu gabaasaan kun eerera.

Keeniyaa Eeri Weey, Eri Morishees, Ijibti Eri, Ruwaandaa Eeri, Qabeenyummaan isaa kan dhaabbata Doonii idil addunyaa Afrikaa Kibbaa kan ta'e daandii qilleensaa Seef- Eeri, Faast jet jedhamee kan waamamu daandiin qilleensaa Zimbaabuwee sadrakaa 4ffaa hanga 10ffaatti akka jiran gabaasaan kun eerera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015