Guyyaan Saboota, Sablamootaafi uummatoota Itoophiyaa bara kanaa sagantaa adda addaan kabajuuf qophiin xumurameera

62

Onkololeessa 4/2015(TOI) - Guyyaan Saboota, Sablamootaafi uummatoota Itoophiyaa bara kanaa sagantaa adda addaan kabajuuf qophiin xumuramuu Af- yaa'iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar himan.

Manni Maree Federeeshinii haala kabaja ayyaanichaafi qophii taasifamaa jiru ilaalchisuun hoggantoota Miidiyaalee waliin mariyateera.

Ayyaanni guyyaa Saboota, Sablamootaafi Uummatoota Itoophiyaa bara kana karaa tokkummaa biyyaa cimsuu danda'uun magaalaa Hawaasaatti bifa o'aan ni kabajama jedhameera.

Guyyaan ayyaana Saboota, Sablamootaafi Uummatoota Itoophiyaa walqixummaa heeraan qabaniifi sabdeenusummaa karaa agarsiisuun waggaa waggaan Sadaasa 29 kan kabajamu ta'uun ni yaadatama.

Ayyaanni kun bara kana yeroo 17ffaaf kan kabajamu yoo ta'u, ''Tokkummaa sabdaneessuummaa nageenya waaraaf'' mata duree jedhuun kabajama.

Guyyaan ayyaana saboota, sablamootaafi uummatoota Itoophiyaa 16ffaa mata duree ''Obbolummaa tokkummaa sabdaneessummaaf'' jedhuun magaalaa Dirre Dawaatti kabajamuun isaa ni yaadatama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015