Finfinneetti Waraqaa eenyummaa Haaromsuun Xumura baatii kanaa akka eegalamu ibsame

57

Onkoloolessa 4/2015(TOI) Finfinneetti waraqaa raga haaromsuun dhaabatee ture xumura baatii kanaa akka jalqamabu hojii gaggeessaan bulchiinsa magaalichaa Xiraatuu Bayyanaa ibsan.

Hojmaata badaa waraqaa raga kennuufi haaromsuurratti mul’atan furmaata waaraa kennuudhaan hiikuuf tajaajilli kun yeroof akka dhaabatu taasifamuun ni yaadatama.

Bulchiinsi magaalichaa dhimmicha xiinxaluudhaan gaggeessitootaafi hojjettoota rakkoo uumaa turan adda baasuun akka gaafataman taasiseera.

Hoji gaggeessaan olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ob. Xiraatuu Bayyanaa dhimmicharratti TOI waliin turtii taasisaniin tajaajila waraqaa eenummaa kennuun walqabatee gaggeessitoonniifi hojjettoonni gocha seeraan alaa raawwachaa turan argamaniiru jedhasniiru.

Kutaa magaalaa hundatti keessumaa rakkoon kun cimee kan keessatti mul’ate aanaalee 37 keessatti hordoffiifi sakatta’iinsa cimaa taasifameen kanneen gocha seeraan alaa raawwatan adda baasuun danda’ameera jedhan.

Haala kanaan walumaa gala gaggeessitootaafi ogeessota 90 akka gaafataman taasisuu hojii gaggeessaan kun dubbataniiru.Ammas hordoffiifi to’annoon akkasumas gaafatamaa taasisuun cimee itti fufuu ibsaniiru.

Haaromsi waraqaa eenyummaa dhorkamee ture hojmaata seeraa hordofee xumura baatii kanaa ni jalqabama jedhaniiru.

Kanuma cinaatti waraqaa eenyummaa dijitaalaa jiraattotaaf kennuun hojmaaticha ammayyeessuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Yeroo ammaa waraqaaleen adda baatii fi iccitii mataasaanii qaban kennuuf gargaaran maxxanfamaa akka jiran ibsanii, fuulduraaf jiraattotaaf akka kennamu ob. Xiraatuun dubbataniiru.

Hawaasni hojmaatilee seeraan alaa waraqaa eenyummaa kennuun wal qabatan wayita arge qaama dhimmi iaaluuf akka eeru ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015