Ayarlaand gochaalee birmadummaa Itoophiyaa tuqan irraa akka ofeeggattu Itoophiyaan akeekkachiifti

56

Onkoloolessa 3/2015(TOI) - Itoophiyaan Ayarlaand gochaalee birmadummaa Itoophiyaa tuqan gochuurraa akka ofqusattu akeekkachiifti.

Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Dhimma Alaafi Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Ayarlaand Saayiman Koovaniif xalayaa barreessaniiru.

Itoophiyaafi ayarlaand biyyoota hariiroo waggaa dheeraa ta'e qaban akka ta'ee xalayaa isaanii keessatti obbo dammaqaan eeraniiru.

Haa ta'u malee yeroo ammaa Ayarlaand Itoophiyaarratti gochaa michummaa biyyoota lamaanii hin madaalle raawwachaa akka jirtu eeraniiru.

Ayarlaandi hariiroo seena qabeessa Itoophiyaa waliin qabduutti deebi’uu akka qabdus xalayaa kanaan gaafataniiru.

Jiijjiirama bara faranjootaa 2018 Itoophiyaatti dhufe hordofee diimookiraasiin biyyattiitti daraaraa dhufuun kan isa rifaasise gareen shororkeessaa ABUT, humna waraanaa leenjisaa turee ajaja kaabaarratti haleellaa raawwachuu xalayaasaaniin yaadachiisaniiru.

Haleellaa ABUT ajaja kaabaarratti raawwate hordofee walitti bu’iinsi uumamuu, tattaaffii mootummaan federaalaa walitti bu’iinsicha dhaabuuf taasisaa tures kufaatii taasisuun haleellaa isaa itti fufuu eeraniiru.

Mootummaan Itoophiyaa walitti bu’iinsicha karaa nagaan hiikuuf kutannoo qabaachuu eeruun, filannoo nageenyaa Gamtaan Afrikaa dhiyeesse fudhachuu ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa sarbama mirga namoomaa wayita walitti bu’iinsichaa uumaman qaamolee itti gaafatamoo ta’an seeraan gaafachuufi lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi akka taasifamuuf tattaaffii cimaa taasisuu eeraniiru.

Rakkoo biyyattiif furmaata waaraa kennuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Ayarlaand tarkaanfiiwwan mootummaa Itoophiyaan fudhatamaa jiraniifi biyyattiitti fooyya’iinsa gama siyaasaafi diinagdeen taasifamaa jiran deeggaruu qabdi turte jedhan.

Haa ta’u malee Ayarlaand dhaabbilee miseensa itti taate Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Awurooppaa fayyadamuun haleellaa Itoophiyaarratti taasistu itti fufuu ibsaniiru.

Ayarlaand haleellaa birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa Itoophiyaarratti taasistu irraa akka ofqusattuuf waamicha Itoophiyaan taasisteef waan tokkotti osoo hin lakkaa’iin hafuu yaadachiisaniiru.

Hariiroo Itoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa fooyya’aa jirurratti Ayarland gufuu ta’uu obbo Dammaqaan xalayaasaaniin kaasaniiru.

Haa ta’u malee biyyattiin gochaa ishee kanarraa ofqusachuu qabdi jedhan.

Itoophiyaan hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii haaromsuuf fedhii qabaachuu kaasuun, Ayarlaand gamasheen hariiroo kana fooyyessuuf fedhii qabaachuu garuu hin beeknu jedhan.

Tattaaffii Itoophiyaan hariiricha fooyyessuuf taasiste fashalaa’uu kaasaniiru.

Faallaa kanaa Ayralaand garee shororkeessaa ABUT deeggaruun teessoo mana marichaatti qabdu fayyadamuun Itoophiyaarratti dhiibaan akka uumamuf hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.

Biyyattiin gochaa Itoophiyaarratti miidhaa geessisuuf taasisturraa akka ofqusattu obbo Dammaqaan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015