Dubaayiifi Emereetota kaabaatti Waamicha biyyaaf doolaarri kuma 300 ol sassaabameera-Tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa

47

Onkoloolessa 3/2015 (TOI) - Dubaayiifi Emereetota kaabaatti Waamicha biyyaaf doolaarri kuma 300 ol sassaabamuusaa tajaajilli diyaasporaa Itiyoophiyaa beeksise.

Deeggarsi sassaabame kun qindeessummaa waajjira qoonsilaa jeneraalaa RDFI dubaayiifi emereetota kaabaan ta’uusaa tajaajilichi marsariitiinisaarratti eereera.

Deeggarsa walitti qabame keessaa doolaarri kuma 300 waldaa komoniitii lammiilee Itiyoophiyaa dubaayiifi emereetota kaabaa, kan hafe ammoo dippilomaatotaafi namoota dhuunfaarraa akka argame tajaajilli diyaaspooraa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Waamichabiyyaa mootummaan dhiheesserratti hundaa’uun misiyoononni biyyoota addaddaatti argaman qabeenya walitti Qabuu cimsanii  itti fufuusaaniifi kanaan dura qindeessummaa eembaasii RDFI  abudaabiitiin diyaaporaarraa doolaarari kuma 560 ol sassaabamuusaa tajaajilichi yaadchiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015