Ministirri maallaqaa ob.Ahmad Shidee dhaabbata maallaqaa addunyaatti daarektara garee tokkoffaa Afriikaa waliin mari’atan

96

Onkoloolessa3/2015/TOI/-Ministirri maallaqaa ob.Ahmad Shidee dhaabbata maallaqaa addunyaatti daarektara garee tokkoffaa Afriikaafi hoggantoota biroo waliin mari’atan.

Jilli Itiyoophiyaa ministira maallaqaa Ahmad Shideen durfamu walga’ii baankii addunyaafi dhaabbata maallaqaa addunyaa kan waggaa Waashiingiteenitti adeemsifamurratti hirmaachaa jira.

Jilli kun dhaabbata maallaqaa addunyaatti daarektara olaanaa garee Afriikaa Miis Itaa Maanaatookoo, daarektara dippaartimantii Afriikaa mister Abbebee A’imirosillaaseefi daarektara ittaantuu Miis AnaaLiisaa Feedeliinoo, akkasumas dursituu garee Itiyoophiyaatta kaneen hojjetanii fi itti gaafatamtoota deeskii waliin mari’atateera.

Hariiroon Itiyoophiyaafi dhaabbaticha jiru haala itti cimu, keessumaa akkaataa gurmuu garee 20tiin idaan alaa Itiyoophiyaa walitti hiiksuuf mariinbiyyoota liqii kennan waliin taasifamaa jiru si’achiisuun bu’aa qabatamaa akka qabaatu dhimmoota fuulduratti hojjetamuu qaban ilaalchisee yaada wal jijiiraniiru.

Kana malees jilli kun dhaabbata maallaqaa addunyaatti itti gaafatamtootaafi ekispartoota dhimmoota fiisikaalaa waliin bulchiinsa galiifi taaksii Itiyophiyaa, haala paabiliik faayinaansii cimsuun danda’amurratti fi kana milkeessuuf deeggarsootaafi gargaarsa teekiniikaa waliin hojjetamanirratti wariin taasifamee walii galameera.

Miseensonni garee kanaa, bulchaan baankii biyyaalessaa Dr. Yinnaagar Dasee, de’eetaan ministira maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaalign, gorsaa olaanaan ministira muummee ob. Takilawaldi Axinaafuu akkasumas Ameerikaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Silashii Baqqalaa fi ogeessonni biroon hirmaachuusaanii odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Ameerikaarraa argame ni mirkaneessa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015