Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2014 barattoota Saayinsii Hawaasaa milkiin xumurame. - ENA Afaan Oromoo
Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2014 barattoota Saayinsii Hawaasaa milkiin xumurame.
113
Onkoloolessa 2/2015(TOI)- Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2014 barattoota Saayinsii Hawaasaa milkiin xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Ministeerri Barnootaa ibsa kenneen barattootaa qormaataaf taa’an kuma 595 keessaa barattoonni kuma 586 fi 541 qormaaticha fudhachuu ibseera.
Wayita qormaatichi eegaletti Yuunivarsiitii Hawaasaatti balaa mudatee fi Yuunivarsiitiiwwan Maqdalaa Ambaa, Dabira Maariqoos, Baahirdaar fi Dabirataabooritti sirnaa barnootaa haala faallesseen “Hinqoramnu” jechuun barattoonni kuma12 fi 787 mooraa gadi lakkisanii ba’uu beeksiseera.
Yuunivarsiitiin Dabirataabooritti hookkara mudateen lubbuun barataa tokkoo yoo darbu, qaamolee nageenyaarras miidhaan qaqqabuu ibsameera.