Bara bajataa kana Godina Jimmaarraa Bunni qulqullina isaa eeggate tooniin kuma 62 gabaa jiddugaleessaaf ni dhihaata jedhame

230

Jimmaa, Onkololeessa 2/2015(TOI) - Bara bajataa kana Godina Jimmaarraa Bunni qulqullina isaa eeggate tooniin kuma 62 gabaa jiddugaleessaaf ni dhihaata jedhame.

Godina Jimmaa magalaa Agaarootti guyyaa bunaa sababeeffachuun mariin oomisha fi qulqullina bunaaratti xiyyeeffate mata duree ''Bunni tokkummaafi Badhaadhina keenyaf' jedhuun geggeeffameera.

Marii kanarratti bulchaan godina Jimmaa obbo Tijaanii Naasir akka himanitti, Godinichi oomisha bunaan kan beekamuufi jiruufi jireenyi hawaasa godinichaa harki caalaanis bunarratti kan hundaa'edha jedhaniiru.

Kanaafis Godinichi oomishaafi qulqullina bunaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira jedhaniiru.

Bunni keenya gatii fooyyee qabuufi sharafa alaa akka nuuf argamiisuuf ogeeyyiifi oomishitoonni bunaa qindoominaan hojjechuu qabus jedhaniiru.

Hojiin oomisha buna yeroo ammaa namoota hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuu himanii kanaafis xiyyeeffannoon kennameefi hojjetamaa jira jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaafi Kununsaa naannoo obbo Mahaammad Xahaa abbaa fiixaa gama isaaniin akka jedhanitti godinicharra bara 2014 bunni tooniin kuma 57 gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera.

Bara kana godinichatti buna toonii kuma 228 walitti qabuuf kan karoorfame yoo ta'u kana keessaas buna toonii kuma 62 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamuu himaniiru.

Yeroon bunni walitti qabamu waan dhihaateef bunni karaa qulqullina eeggatee walitti qabamee qonnaan bulaan gatii dadhabbii isaa akka argatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hirmaatoonni waltajii kanaas qonnaan bultoonni buna oomishan oomisha isaanirraa bu'aa malu akka argataniif daldalatoota seeraan alaa to'achuun akka barbaachisu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015