Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Yuunivarsiitiitti qoramuu keenyaan, qormaaticha karaa tasgabbiifi haala mijaataa keessaatti akka qoramnu nu gargaareera - Qaama miidhamtoota

124

Onkololessa 2/2015(TOI) - Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Yuunivarsiitiitti qoramuu isaaniin qormaaticha karaa tasgabbiifi haala mijaataa keessaatti akka qoraman isaan gargaaruu baratoonni qaama midhaamtoonni qormaaticha qoraman himan.

Bara kana baratoota qaama miidhamtoota qormaaticha qoramaniif deeggarsi, hodofiifi haala mijataa uumuun hojiin hojjetame muuxannoo gaarii waan ta'uuf jabaate akka itti fufu gaafatameera.

TOI qaama miidhamtuu haala rakkisaaf osoo harka hin laatiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa miilla ishee akka harkaatti fayyadamuun qormaaticha hojjechaa jirtu dabalatee qaama miidhamtoota biroo dubbiseera.

Kanneen TOI yaada isaanii laatan akka himanitti bara kana Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Yuunivarsiitiitti qoramuu isaaniin qormaaticha karaa tasgabbiifi haala mijaataa keessaatti akka qoramnu nu gargaareera jedhaniiru.

Keessaayyuu qaama miidhamtootaaf meeshaalee qaama miidhamtoonni qormaatichaaf itti fayyadaman haala gahaa ta'een qopheesuufi hojjetoota deeggarsa isaaniif taasisan ramaduun rakkoo tokko malee akka qoraman taasifamuu himaniiru.

Qormaatichi Yuunivarsiitii keessatti kennamuun isaa walirraa hatuun akka hin jiraanne taasisuun baratoonni haga ofiisaanii hojjetan akka madaalaman kan gargaaruufi qulqullina barnootaafis gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru.

Qaama miidhamtoonni yeroo gara mana barnootaa deemanis ta'ee gara mana isaanitti deebi'an geejibaan waan mana isaanirraa fagaatanii deemaniif rakkoo saaxilamu ture.

Amma garuu Yuunivarsiitii keessa bulaa achumatti qormaata isaanis waan qoramaniif rakkoo hedduurra kan isaan baraare ta'uu himaniiru.

Sadarkaa biyyaatti qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 30/2015 baratoonni saayinsii hawaasaa kuma 560 ta'an jiddugalawaan 130tti fudhachuu eegalan bifa tasgabbii qabuun qormaata isaanii qoramaa jiru.

Yuunivarsiitii Saayinsii fi tekinolojii Finfinneetti baratoonni magaalaa finfinneefi naannoo Oromiyaarraa ramadama kumni 12fi 56 qormaaticha qoramaa jiru.Qormaatichi guyyaa har'aa ni xumurama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015