Lammiileen biyya alaa jiraatan maree biyyaalessaarratti akka mari’atan haalli mijeeffamaa jira

48

Onkoloolessa 2/2015(TOI)  Lammiileen Itiyoophiyaafgi dhalootaan lammii itiyoophiyaa ta’an maree biyyaalessaarratti akka hirmaatan haalli mijeeffamaa akka jiru komishiniin maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Komishinichi raawwii amma ammaatti jiruufi adeemsa gara fuula duraa ilaalchisee Af yaa’ii Taaggasee Caafoo, anga’oota olaanoo paartii badhaadhinaafi pirezidaantota naannolee waliin mari’ateera.

Komishinarri muummee komishinichaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa, iddoowwan xiyyeeffannaan marichaa Federaala, naannolee, bulchiinsa magaalotaafi diyaasporaawwan jedhamuun dame afuritti adda ba’uu himaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaafi dhalootaan lammii Itiyoophiyaa  dhimma Itiyoophiyaaf baay’ee dhama’an, misooma biyyasaanii kan deeggaran, deegarsaafi gargaarsa taasisan ardiilee addaddaa keessa akka jiran eeraniiru.

Kanaaf lammiileen kunneen adeemsa marii biyyaalessaarratti karaa addaddaa akka hirmaatan taasisuun barbaachisaafi murteessaa ta’uu komishinarichi ibsaniiru.

Komoshinichi ministeera dhimma alaafi qooda fudhattoota kanneen biroo waliin ta’uun ajandaa bocuus ta’e hojiilee komishinichaa kanneen biroo irratti akka hirmaatan haalli mijeeffamaa akka jiru eeraniiru.

Adeemsa kanaan hojiin adda baasuu baay’inaafi hirmaannaa tilmaama keessa galche hojjechuuni malee ajandaa bocee akka fidu kan dhiifamu akka hin taane dubbataniiru.

Hojii komishinichaa amma ammaatiin lammiileen Itiyoophiaafi dhalootaan lammii Itiyoophiyaa hedduun komishinicha gargaaruuf kutannoo qaban agarsiisuusaanii eeraniiru.

Itti aantuun komishinaraa komishinichaa Hiruut G/Sillaasee, diyaaspooraan karaa sirrii fi sirrii hin taaneen dhiibbaa uumuu akka danda’u eeranii, maricharratti hirmaannaa, deeggarsaafi gargaarsa taasisuu akka danda’u haalli mijeeffamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015